Start
Verslag SBO/VOL Oromtitti (Afaan Oromo) PDF Print E-mail
dinsdag, 16 december 2008 23:44

 SBO/VOL Radio & News Oduu

Waldaan Dubartoota Oromoo Nederland maqaa Oromtittii Netherland jedhuun utubame.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Arfaasaa 13,2008) Oduun MOA dhaqqabe akka hubachiisutti, Waldaan Dubartoota Oromoo maqaa Oromtittii Netherland jedhuun moggaafame baatii Muddee bara 2008 kana keessa biyya Nethelanditti utubamee jira.

Dubartootni Oromoo bakka jiranitti yoo gurmaahan, hacuuccaa gama maraan isaan irra jiru keessaa of baasanii gara fala rakkoo Oromoo isa maayiitti tarkaanfachuu akka danda'anis guyyuma kana ibsame. Kun  kan jedhames Mudde, bara 2008  wayta Waldaan Dubartoota Oromoo Nederlland kan maqaa Oromtittii Netherland jedhuun waamamu  magaala Amsterdam keessatti hundeeffamuu isaa dura teessuu waldichaa aadde Saida Ibraahim Huseeniin wayita beeksifametti.

Waldaan  Oromtittii Netherland rakkoo moototiin Itophiyaa dabareen aangootti ol ba'aa har'a ga'an miidhaa isaan ummata Oromoo, addatti ammoo dubartoota Oromoo irraan gahaa turanii fi jiran keessaa baasuuf, dubartoota Oromoo kan dhiibbaa sirna wayyaaneetiin biyya abbaa isaanii Oromiyaa irraa dhiibamanii Netherland keessa jiraatanii fi dubartoota Netherland kan dhimma Oromoof quuqamaniin kan hundeeffamee dha.

Waldaan  Oromomtittii Netherland, dubartoota Oromoo kanneen Oromiyaa fi biyyoota baqaan keessa jiran keessatti rakkina gama hawaasummaa, siyaasaa,  dinagdee fi miidhaa barsiifataan isaan irra gahaa jiruuf haala deggersi godhamuufii  qabu irratti xiyyeeffatee hayyama mootumammaa Nederlandiin  hundeeffamuu kan himan dura teessuun waldicha aadde Saidaa  Ibraahim, dubartootni Oromoo yeroo kam iyyuu caalaa har'a gara jabina hagana hin jedhamneen mootummaa wayyaaneetiin Oromiyaa keessatti  hidhamaa, ajjeefamaa, humnaan gudeedamaa, dalagaa fi barnoota dhorkatamaa fi biyyaa abbaa isaanii irraa ari'atamaa akka jiran hirmaatottaaf suuraan deggaranii ibsaa bal'aa kennaniiru.

Kanaaf jedhan aadde Sa'idaan, kanaaf dubartootni Oromoo eenyuunuu osoo hin eeggatin bakkuma jiranitti  yoo gurmaahan rakkoo irra jiru keessaa of baasuu irra dabranii gara fala  rakkoo Oromoo isa walii galaatti guyyaan nama geessu hin dheeratu jechuu dhaan dubartoota Oromoofis ta'e hawaasa Oromoo hundaaf  dhaamsa dabarsanii ijaaramuun murteessaa ta'uu eeran.

Qindeessituu fi miseensa Waldaa Oromtitti Netherland kan dhalootaan lammii Holland ta'an aadde Nicole Hollanburg gama isaaniin, Waldaa Oromtitti Netherland dubartootnii fi daa'imman Oromoo biyya Netherland keessa jiraatan aadaa, afaanii fi duudhaa isaanii osoo hin dagatin akkaataa isaan ummata Netherland waliin walitti madaqanii jiraatan taasisuu irra dabree Oromiyaa fi ollaa Oromiyaa keessatti rakkina dubartootni Oromoo qaban gargaaruu fi furuuf  kan hojjetu ta'uu himanii, hanga furmaatni argamuttis cinaa dubartoota Oromoo akka dhaabbatan beeksisan. Waytuma kanas deeggarsa mootummaa, dhaabbilee miti mootummaa fi namoota dhuunfaa irraa akka barbaadan gaafataniiru.

Eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa, aadaa fi seenaa Oromoo, haala Oromoon amma keessa jiruu fi fala isaa ilaalchisee barumsi bal'aan computeraan qindaa'e hirmaattota hundeeffama Waldaa Oromtittii Netherland kana irratti argamaniif karaa hayyuu Oromoo Dr Baaroo Qannootiin kennameera. Namni ykn hawaasni tokko yeroo eenyummaa isaa sarbamuu fi wanneen maalummaa isaa mul'isan akka badan wayta taasifamu miidhaan qor-qalbii ummata sanaa irratti fidu maal akka fakkaatu barumsi hayyuu qor-qalbii kan ta'an aadde Mariyaanaa Beekaatiin dhihaatee jira.

Sirna hundeeffama Waldaa Oromtittii Netherland kana irratti dubartootni, shamarran, dargaggootni, daa'immanii fi maanguddootiin Oromoo, akkasumas lammiiwwan Holland, Erteraa fi Itophiyaanotni hedduun irratti argamanii itti gammaduun waliin dhiisifachuu isaanii
oduun nu ga'e dabalee addeessa.

Agarsiisni meeshaa fi uffata aadaa Oromoo, walalooleenii fi agarsiisni bareedduu Oromoo dhihaatanii dinqisiisfannaa guddaa akka argatan kan ibse gabaasaan achi irraa nu gahe, waaree boodaa kaasee hanga halkan walakkaatti weellisaan Oromoo Mahaadii Sheekaa maatii isaa waliin warra sirna kana irratti argaman bohaarseera.


*******

 
 

Leden : 580
Artikelen : 16
Weblinks : 2
Artikelen bekeken hits : 19573